Dhaabbanni Afriikaa Raayiziing Qonnaan Bultoota Godina Baalee Aanaa Sinaanaaf Deeggarsa Taasisaa Jira

85

Sadaasa 25/2012 (TOI) - Dhaabbanni qorannoo  Afrikaa Raayiziing qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Sinaanaa teeknooloojii qonnaatiin akka walbaraniif deeggarsa akka isaaniif godhe dubbatan.

Hojiileen Dhaabbanni qorannoo “Afrikaa raayiziing” aanaa kanatti hojjetamaa jiran qooda fudhattoota gara garaatiin daaw’atamuun muuxxannoon qooddatamee jira.

Fayyadamtoota pirojektichaa keessaa qonnaan bulaa aanaa sinaanaa obbo Jabboo Muhammad akka jedhanitti, deeggarsa mootummaan isaanii godhu cinaatti deeggarsa dhaabbata kanarraa argatanii oomishuu erga jalqabanii milkaahaa dhufuu dubbatu.

Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti kanaan dura sanyii fooyya’aa fi teknooloojii qonnaa guutuutti fayyadamuu osoo hin jalqabiin heektaararraa kuntaala 10 - 15 oomishaa kan turan wayita ammaa hektaararraa qamadii kuntaala 50 ol akka oomishan dubbatu.

Galii qonnarraa argataniin qarshii miiliyoona 1.3 n konkolaataa ummata deddeebisu  bitachuu isaanii fi gara fuulduraattis invastimantii qonnaatti ce’uuf karoorfatanii hojjachaa jiraachuu kan himan obbo Jabboon milkaahina isaaniitiif deeggarsii Afrikaa raayiziing ol’aana ta’uu himniiru. 

Qonnaan bulaa Taajuu Abdulqaadirii fi  Huseen Muhammadis yaaduma  kana deeggaru.

Pirojektichi sanyiilee bu’uraa qorannoo irraa bahan akka baay’ifnuuf nuuf kennuun cinaatti haala hojii ekisteenshinii isaa irrattis oyiruu keenyarratti leenjii ogummaa nuuf keennuun akka jireenya keenya jijjiirru nu qarqaaree jira jedhan.

Leenjii fi deeggarsa ogummaa pirojekticharaa argataniin omishtummaan isaanii heektaararraa qamadii kuntaala 20 irraa gara kuntaala  50 – 70tti akka guddiseef himaniiru.

Qindeessaan pirojektchaa damee Baalee obbo Addisuu Asaffaa gama isaaniitiin dhaabbatichi sanyiilee bu’uraa qorannoolee qonnaa irraa bahan oyiruu qonnaa fi waldaalee midhaan baay’isan irratti madhaqsuun, baay’isuun akka qonnaan bultoota bal’aa bira gahaniif hojjachaa akka jiran himaniiru.

Dhaabbatichi aanaa Sinaanaa dabalatee aanota godinichaa 5 keessatti waggottan sadeen dabran keessatti qonnaan bultoota kuma dhibba tokko gahan kallaattiif al- kallattiin pirojekticha irraa fayyadamoo taasisuu danda’uu himan.

Qooda fudhattoota pirojektichaa keessaa hoji geeggessaan jiddu gala qorannoo qonna Sinaanaa obbo Muhammad Bariisoo gama isaaniitiin pirojektiin kun teeknooloojii qonnaa haaraa isaan biraa ba’an sanyii bu’uraa fuudhee baay’isuun qonnaan bulaa bal’aa bira akka gahan hojiin inni hojjataa jiru jajjabeessaa ta’uu dubbatan.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa Godina Baalee obbo Daa’ud Abdurrii gama isaaniitiin Hojiilee mootummaan hojjatu cinaatti qaawwa jiran cufuun carraaqqii fayyadamummaa qonnaan bulaa akka dabaluuf hojjatamu  keessatti hojiin dhaabbiilee misoomaa akka Afrikaa Raayiziing hojjachaa jiran  kan jajjabeeffamuu dha jedhaniiru.

Akka godina Baaleetti bara oomishaa 2011/2012 tti lafti heektaara kuma 335 midhaan akaakuu gara garaatiin misooma irraa calla kuntaala miiliyoona 10 akka abdatamu qorannaa sabsii duraa geeggeeffamerraa hubaachuu danda’amuu ibsanii jiran.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015