Fandii Liqii Marmaartuu Birrii Biiliyoona 10 Ilaalchisee Itti Gaafatamummaan Nuu Kennamuu Baatus Waliin Hojjenna --- Obbo Zannabaa Kumoo

133

Sadaasa 25/2012 (TOI) – “Fandii liqii marmaartuu Birriin biiliyoona 10 ilaalchisee labsiidhaan itti gaafatamummaan nuu kennamuu baatus waliin ni hojjenna” jedhan daarektarri olaanaa ejensii carraa uumuu fi wabii nyaataa magaalootaa federaalaa obbo Zannabaa Kumoo.

Obbo Zannabaa Kumoo TOItti akka himanitti, liqiin fandii marmaartuu kun carraa hojii uumuuf carraa gaariidha.

Fandii liqii marmaartuu ilaalchisee labsiidhaan aangoon kan kennameef ijaarsaan akka jigu kan taasifame ministeera dargaggootaa fi Ispoortii  akka ture yaadachiisanii, wayita ammaa ministeera daa’immanii, dubartootaa fi dargaggootaaf kennamuusaa ibsaniiru.

Kanas ta’ee ejensichaaf itti gaafatamni labsiidhaan kennameef jiraachuu baatus qaamolee liqii kennan waliin walta’uun hojjechaa akka jiru himaniiru.

Fandii kana ilaalchisee hojmaata jirurratti dhimmoota fooyya’uu qaban  adda baasuun qaama ilaaluuf akka dhihaate kan ibsan obbo Zannabaan, dargaggoonni gurmaa’anii liqii gaafatan shan qofatti daangeffamuu mannaatii amma sadiitti osoo eeyyamamee akka wayyu filmaanni dhihaachuu eeraniiru.

Yaadni fooyyessuu ejensichaan dhihaate mana maree bakka bu’ootaa ummataaf dhihaatee ni ragga’a amantaa jedhu kan  qabaatan daarektarri olaanaa kun, ejensichi sirna itti gaafatamaa fi gaafatamummaa qabaatu osoo uumamee carraa hojii uumuu akka si’eessu dubbataniiru.

Rakkoolee fandii kanarratti mul’atan qorachuun gaarii ta’uu hubachiisanii, dargaggoonni liqii fudhatanii jireenya isaanii kan itti jijjiiran ta’uu akka danda’u hubachiisaniiru.

Liqiin kun tola kan kennamuu fi akka waan hin deebineetti hubachuun ilaalcha dogoggoraa akka ta’e obbo Zannabaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015