Hoomaan Hawaannisaa Godina Harargee Bahaa Aanaalee Sagal Keessatti Mudatee Ture Guutummaatti To’atame

70

Harar Sadaasa 24/2012 (TOI) – Hoomaan hawaasummaa godina Harargee Bahaa aanaalee sagal keessatti mudatee ture guutummaatti to’atamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Waajjira qonnaa godinichaatti gaggeessaan garee eegumsa biqiltuu fi midhaanii obbo Zallaqaa Abdataa akka ibsanitti hoomaan hawaannisaa baatii tokko darbe aanaalee sagal godinichatti argaman keessatti mudatee ture sosochii ummataa fi keemikaalaan guutummaatti to’achuun danda’ameera.

Hoomaan Hawaannisaa aanaalee godinichaa aanaa Kombolchaa, Jaarsoo, Qarsaa, Meettaa, Goorooguutuu, Cinaaksan, Dadar, Haramayaa, Malkaaballootti kan argaman gandoota 62 irratti mudatee ture midhaan, marga, bosonaa fi biqiltuuwwan biro lafa heektaara kuma 23 irratti miidhaa geessiseera.

Wayita ammaa hoomaan hawaannisaa kun guutummaatti to’atamuusaa gaggeessaan garee kun himaniiru.

Hoomaa hawaannisaa kana to’achuuf barattoota, qonnaan bultoota fi kutaalee hawaasaa garaagaraa kuma 34 ol hirmaachisuudhaan aaraa, iyyaan fi karaa aadaa addaddaatiin hoomaan kun akka dhabamsiifame hubachiisaniiru.

Hoomaa kana dhabamsiisuuf keemikaalli liitiroo 926 xiyyaaraa fi karaa motoraayized ta’een biifameera.

Hoomaan hawaannisaa kun deebi’ee akka hin dhufne ogeessaan hordofamaa akka jiru ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015