Sudaan Galmee Shororkeessitootaa Idil Addunyaa Keessaa Akka Baatu Doonaald Tiraampiif Gaaffiin Dhihaate

73

Sadaasa 23/2012(TOI) – Sudaan galmee shororkeessitootaa idil Addunyaa keessaa akka baatu hayyoonni, namoonni siyaasaa fi aktiivistoonni pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraampiif xalayaadhaan gaaffii dhiheessaniiru.

Xalayaan kun Sudaanitti hoggantoota kanaan dura aangoorra turaniin rakkooleen mudatan jijjiirama boru dhufu irratti dhiibbaa akka hin finne eeruudhaan galmee shororkeessitootaa keessaa akka baatu kan gaafatudha..

Sudaan galmee shororkeessitootaa keessatti kan galmoofte mootummaan pirezidaantii duraanii Albashiir shororkeessitoota ni deeggara sababa jedhuun akka ture eerameera.

Xalayicharratti kan mallatteessan keessaa pirezidaantiin gamtaa doktaroota Sudaan doktar Abdiijalaal ‘BBC’tti akka himanitti ittifni kun invastimantii gara biyyattii dhufuu danda’anirratti gufuu ta’aa jira.

Wayita ammaa dubbiin garagaltoo ta’ee ummanni shororkeessitoota ni deeggaru kan jedhaman Omaar Albashiir aangoorraa buusuusaa eeraniiru.

Uggurri kun ka’uunsaa ummata Sudaaniif qofa osoo hin ta’iin ummattoota addunyaaf faayidaa akka qabaatu kan eeran doktar Saaraa Abdiijaliil“ biyyi tokko tasgabbii dinagdee yoo hin qabaanne shororkeessitoota waraanuun akkasumas ittisuun ulfaataadha” jedhaniiru.

Xalayaa kanarratti kan mallatteessan bakka bu’oota qaamota hawaasaa addaddaa 79 akka ta’anis ‘BBC’n gabaasasaatiin eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015