Itiyoophiyaan Dorgommii Seekaafaa Irratti Hin Hirmaatu – Federeeshinii Kubbaa Miilaa

105

Finfinnee Sadaasa 23/2012 /TOI/ - Gareen kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Dorgommii Seekafaa Sanbata dhufu eegalamuu irratti kan hin hirmaanne ta'uu federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Tapha Sadaasa 27 hanga Muddee 9 bara 2012 biyya Ugaandaatti gaggeeffamu kana irratti gareen kubbaa miilaa Itiyoophiyaa carraa keessa jiraatus hirmaachuu akka hin dandeenye beeksisee jira.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa akka jedhetti baasiin ba'uu fi faayidaan argamu waan wal hin madaalleef dorgommii kana irratti hin hirmaannu jedheera.

Federeeshinichatti Daarektarri sab quunamtii ummataa obbo Bahaaruu Xilahuun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti federeeshinichi bajata xiqqoo qabu Seekaafaa kana irratti baasuun isaa faayidaa kan hin qabne ta'uu ni amana jedheera.

Hirmaachuun keenyas faayyidaa tokko illee kan hin qabne dha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015