Baatiiwwan Bonaa Godina Gujiitti Lafti Heektaarri Kuma 182 Eegumsa Biyyoo Fi Bishaaniin Ni misooma

73

Nagallee Sadaasa 20 /2012 (TOI) – Bona baranaa lafa heektaara kuma 182 irratti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjechuuf qophiin taasifamuusaa waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Gujii beeksise.

Godinichatti jiraattonni naannawa aanaa Liibanii fi Nagallee akka jedhanitti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii kaka’umsaan hojjechuuf qophii taasisaa akka jiran qophii taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Waajjirichatti ogeessi misooma qabeenya uumamaa obbo Wandoo Sharbottee akka jedhanitti, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii baatii Amajjii dhufu hojjetamuuf iddoowwan 268 adda ba’aniiru.

“Naannawa yaa’awwan misoomaniitti kan argamu lafti miidhaan irra ga’e heektaarri kuma 10 ol ta’u deebi’ee amma bayyanatutti tuttuqaa namaa fi looniirraa bilisa akka ta’u ni dalleeffama”jedhaniiru.

Hojii kana keessatti yaaddoo lolaa hir’isuuf hidhi biyyoo fi dhagaa kiiloomeetira kuma 15 akkasumas boolloowwan bishaan ittisan kuma 30 akka qophaa’an himaniiru.

Kana malees boolloo bishaan dhugaatii kuma 1 fi 756 qotuu fi burqa gabbisuun karoora kana keessa akka jiran hubachiisaniiru.

Qabeenya uumamaa sababa addaddaatiin miidhaan irra ga’e bakkatti deebisuuf biqiltuun miiliyoona 98 akka qophaa’e obbo Wandoon eeraniiru.

Hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii kana irratti namoonni kuma 200 akka hirmaatan ummata waliin mari’achuun walii galamuusaa beeksisaniiru.

Jiraataa aanaa naannawa Nagallee  kan ta’e dargaggoo Guyyoo  Galgaloo akka jedhetti hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoota dhihootii asitti hojjetameen burqaawwan gabbatan jiru.

“Faayidaa fi miidhaan hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii numaaf waan ta’eef osoo namni nun yaadachiisiin hojjechuuf of qopheessineerra”jedheera.

Godinichatti waggaa darbe hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetameen lafti heektaarri kumaa 76 fi 372 kan misoomuun lafti miidhame deebi’ee akka bayyanate ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015