Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Walta’insa Dindagdee Jarman Doktar Gardi Muular Simachuun Waliin Mari’atan

72

Sadaasa 22/2012 /TOI/ Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Walta’insa Dindagdee Jarman Doktar Gardi Muular simachuun waliin mari’atan.

Kana malees Ministira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Jarman Hubartis waliinis mari’ataniiru.

Daawwannaan anga’aoota olaanoo kun konfaransii Afrikaa Kompaakti G-20 tibba darbee Barliinitti adeemsifameen kan walqabatu yoo tahu, wayita sanattis Itiyoophiyaa fi Jarman invastimantii damee dhunfaa fi misoooma dinagdee itti fufiinsa qabu jajjabeessuuf waliigaltee walii mallatteessuunsaanii ni yaadatama.

Waliigaltee kanas hojjirra oolchuuf Jarman deeggrsa Yuuroo Miiliyoona 300 fi miiliyoona 52.5 gumaachiteen tumsa jijjiirama Itiyoophiyaaf gootu akkasumas walta’insa gara fuulduraa itti fufusiisuf waliigalticha Ministirri Muummee Doktar  Abiyyi Ahmad mallatteessisaniiru.

Haaluma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad mala qonnaa biyyattii fooyyessuuf jecha deeggarsa gaafataniin Jarman meeshaaleen qonnaa 144 tahan gumaachitee adeemsi walharkaa fuudhinsaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin raawwatameera.

Finfinnee sadaasa 22/2012 /TOI/ Jilli Ministira Ministeera Dinagdee fi Tumsa Misoomaa Jarman Gard Muulariin Durfamu, Muummee Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Waliin Mari'atan.

Jilli ministira Ministeera Dinagdee fi Tumsa Misoomaa Jarman Gard Muulariin duurfamu, Itiyoophiyaatti daawwii hojii taasisaa jiru jedhameera.  

Jilli kun  har'a muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad waliin wal argee mari'ateera.

Wayituma kana mootummaan Jarman Itiyoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 52 tuqaa 5 laachuu ishee waliif maallatteessanii jiru.  

Mootummaan Jarman hojii qonnaa Itiyoophiyaa deeggaruuf meeshaalee qonnaa 144 deeggarsaan kan laatu ta'uun eerameera.   

Deeggarsichi hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan hojjettu tumsuuf kan oolu ta'uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015