Yaa’iin Paartiin demokiraatawaa Somaalee Paartii Badhaadhinaa Waliin Walitti Makamuuf Yaada Dhihaate Raggaase

55

Sadaasa 20/ 2012(TOI) – Paartiin demokiraatawaa Somaalee yaa’ii har’a adeemsiseen paartii badhaadhinaa walii walitti makamuuf yaada dhihaate raggaaseera.

Yaa’ii dhaabbatummaa Jigjigaatti adeemsifameen Koreen hojii raawwachiiftuu fi koreen giddugaleessaa wayita darbe paartii badhaadhinaatti makamuuf yaada murtee dabarse irratti mari’achuudhaan yaada dhihaate sagalee guutuun raggaaseera. Paartileen miseensaa fi deeggaraa ADWUI ta’an paartii badhaadhinaatti makamuuf yaa’iisaaniitiin murteessan 8 akka ta’an beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015