Gaaffileen Qaama Miidhamtootaa Hedduun Ta’anis Xiyyeeffannoo Barbaachisaa Argachaa Hin Jiran

223

Sadaasa 20/2012 (TOI) - Qaama miidhamtoonni gaaffilee deebii barbaadan hedduu qabaatanis xiyyeeffannaa barbaachisu argachaa akka hin jirre ministeerri dhimmi hawaasummaa beeksise.

Ministirri ministeera hojjetaa fi dhimmi hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee waggaa waggaan Sadaasa 23 kan kabajamu guyyaa qaama miidhamtootaa ilaalchisuun ibsa kennaniin qaama miidhamtoonni kutaa hawaasaa deebii hedduu eeggatan ta’us xiyyeeffannoon barbaachisu kennamaafii hin jiru jedhaniiru.

Ijaarsa gamoorraa eegalee xiyyeeffannaan qaama miidhamtootaaf kennamu xiqqaa ta’uu kan eeran ministirittii, qaama miidhamtoonni meeqa biyya keenya keessa akka jiranillee sirnaan akka huin beekamne ibsaniiru.

Lakkoofsi amma jiru odeeffannoo waggaa 11 dura ture kan bu’uureffate akka ta’es eeraniiru.

Rakkoolee kanneen hiikuuf qaama miidhamtootaaf daarektoreetiin of danda’e hundaa’ee miidhamaaf xiyyeeffannaa kennuuf yaaliin taasifamaa  jiraatus ‘ga’aadha’ jechuun akka hin danda’amne dabalanii himaniiru.

Guyyaan qaama miidhamtootaa kan baranaa naannoo Oromiyaa magaalaa Shaashamanneetti kan kabajamu yoo ta’u, waltajjiileen sosochii hedduun ni uumamu jedhameera.

Qaama miidhamuun hojjechuu dadhabuu osoo hin ta’iin carraa yoo argatan hojjechuu akka danda’an kan  itti agarsiisan sosochiin bal’aan akka taasifamu itti gaafatamtuun biiroo hojjetaa fi dhimmi hawaasummaa naannichaa adde Jamiilaa Sibaruu ibsaniiru.

Guyyaan qaama miidhamtootaa kun mata duree hirmaannaa fi gaggeessummaa qaama miidhamtootaa gabbisuudhaan bu’a qabeessummaa ajandaa misoomaa 2030 haa mirkaneessinu” jedhuun kabajama.

Guyyaan kun sadarkaa idil addunyaatti yeroo 28ffaa, Itiyoophiyaatti ammo yeroo 27ffaaf kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015