Itti gaafatamtoonni Waajjira Paartii Badhaadhinaa Mari’achaa Jiru

154

Sadaasa 20/2012(TOI) – Itti gaafatamtoonni waajjira paartii badhaadhinaa haala yeroo fi karoora hojiiwwan paartichaarratti mari’achaa jiru.

Waajjirri muummee paartii badhaadhinaa fi itti gaafatamtoonni waajjira paartii badhaadhinaa naannolee guyyaa har’aa haala yeroo paartichaa ilaalchisuun waajjira muummee paartichaatti mari’achaa jiru.

Hojiiwwan gurguddoo fuulduraaf paartichi raawwatu ilaalchisuun itti gaafatamtoonni kunneen ni mari’atu.

Walga’ii jalqabaa ADWUI fi dhaabbileen deeggartoota walitti makamuun uumame Paartii badhaadhinaa irratti itti gaafatamtoonni waajjira paartii walitti makamee argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015