Irreecha Malkaa Kabajuuf Qophiin Xumuramee Jira

62

Mattuu Sadaasa 19/2012 (TOI) - Irreechaa malkaa kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu barreessaan yaa'ii abbootii gadaa Saglan Iluu Abbaa Gadaa Tasammaa Mulunaa beeksisan. 

Ayyaana kana irratti hirmaachuuf ummatni Godinaalee Oromiyaa Lixaa irraa garas kan imalan ta'uunis beekamee jira.

Abbaan Gadaa kun akka jedhanitti ayyaana irreechaa kana sababeeffachuun boru nyaatni aadaa garaa gara kan beeksifamu yoo ta'u, mariin paanaaliis ni gaaggeeffama jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa kunis Sadaasa 21 bara 2012 kan kabajamu ta'a.

Hogganaan waajjira komunikeeshinii godina Iluu Abbaa Boor obbo Tolasaa Asaffaa gama isaaniin ayyaana kana nagaan kabajuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu isaa ibsaniiru.

Ayyaana irreechaa kana sababeeffachuunis dargaggoonni magaalaa Mattuu qulqullina magaalaa kan gaggeessan ta'uu eeraniiru.

Jiraataan magaalaa Mattuu dargaggoo Firaa'ool Asaffaa yaada kenneen dargaggoonni magaalaa Mattuu Ayyaana kana kabajuuf qophii taasisaniiru.

Ayyaanni kunis karaa nagaan jalqabamee akka xumuramuuf dargaggoonni ga'ee isaan irraa eegamu ni ba'atu jechuun dubbateera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015