Kubbaan miilaa boora’uu nageenyaaf sababa ta’uu hin qabu- Pirezidaantii federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa

86

Maqalee Amajjii  13/2011  “Kubbaan miilaa jaalalaa fi tokkummaaf malee boora’uu nageenyaatiif sababa ta’uu hin qabu” pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa obbo Isaayyaas Jiraa ibsa.

Baatiiwwan torba dura Istaadiyeemii Finfinneetti gareewwan kubbaa miilaa Buna Itoophiyaa fi Maqalee sabaa Indartaa wayita taphatan rakkoo deeggartoonni uumaniin badii qaqqabeef magaalaa Maqaleetti sirni dhiifamaa adeemsifameera.

Sirna kanarratti kan argaman obbo Isaayyaas jiraa ergaa dabarsaniin, “ummanni Itoophiyaa ispoortessitoota naamusaan cimee fi itoophiyummaa barsiisan barbaada” jedhaniiru.

Misooma Ispoortii cimsuuf gaggeessaan hundi kutannoon hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisanii, “kubbaan miilaa jaalalaa fi tokkummaaf malee boora’uu nageenyaaf sababa ta’uu hin qabu” jechuun ibsaniiru.

Hoji gaggeessaan Kilabii Bunaa Itoophiyaa obbo Sintaayyoo Baqqalaa fi hoji gaggeessaan Kilabii Maqalee Sabaa Indartaa obbo Shifarraawu Takilahayimaanoot rakkoo wayita sanatti uumameef dhiifama wal gaafachuudhaan walitti dhufeenya gaarii ture cimsuuf walii galteerra ga’aniiru.

Amajjii 14/ 2011 Istaadiyeemii ammayyaa Tigraayitti bunni Itoophiyaa Maqalee Sabaa Indartaa waliin dorgommii piriimar Liigii akka adeemsisan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015