Injiinar Taakkalaa Uumaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Fireehiwoot Daawwatan

71

Sadaasa 18/2012 /TOI/- Kantiibaan Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa barattoota Sadarkaa 1ffaa Fireehiywoot daawwatan.   

Injiinar Taakkalaan haala barattootarra kaleessa ga'ee ture ilaaluuf barattootaa fi hawaasa mana barnootichaa waliin mari'ataniiru.  

Rakkoon summaa'uu nyaataa waliin walqabatu akka hin jiraatinis beeksisaniiru. 

Qorannaan Paastaritti ergames kanuma agarsiisa jedhaniiru.

Barattootaaf karaa qindaa'een dhaabbatummaan nyaata dhiyeessuun itti fufa jedhaniiru. 

Seera ta'ees Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin ni raggaasifama jedhan karaa Fuula Feesbuukii isaaniitiin. 

Guyyaa kaleessaa barattoonni nyaata summaa'aa nyaachuun miidhamaniiru jedhamee odeeffamuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u, kanuma mirkaneeffachuuf achitti argamaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015