Miseensonni poolisii shamarree to’annaa seeraa jala jirtu gudeedaniiru jedhaman hidhaan adabaman

78

Miseensonni poolisii shamarree to’annaa seeraa jala jirtu gudeedaniiru jedhaman hidhaan adabaman

Harar Amajjii 13/2011 Manni murtii naannoo Hararii shamarree to’annaa seeraa jala jirtu gudeedaniiru kan jedhe miseensota poolisii lama tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa torbaan adabeera.  

Manni murtee kun murtee adabbii kan kenne miseensota poolisii gargaaraa saajiin Rahaam Mahaammadii fi gargaaraa saajiin Mahaammad Ibraahim jedhaman irrattidha.

“ Miseensonni poolisii kunneen yakka hannaatiin shakkamtee buufata poolisii naannoo Hararii Janellaa to’annaa seeraa jala kan turte shamarree waggaa 18 irratti Mudde 19 fi 22/2011 dirqisiisanii gudeeduun isaanii mirkana’eera” jedhaniiru.

Manni murtichaa dhaddacha haattamaa har’a ooleen himatamtoonni shamarree kana irratti yakka raawwachuun isaanii mana yaalaa fi ragaadhaan mirkanaa’usaa barreeffamaan dubbisuudhaan dhageessiseera.

Manni murtichaa himatamtoonni itti gaafatama maatii kan qabanii fi abbaa ijoollee akka ta’an himanni akka salphatuuf kan dhiheessan tilmaama keessa galchuu isaa ibsuudhaan murtee adabbii kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015