Itiyoophiyaan Gurgurtaa Elektirooniksii Idil Addunyaa eegaluufi

86

Finfinnee Sadaasa 15/2012 /TOI/ - Itiyoophiyaan Gurgurtaa Elektirooniksii Idil Addunyaa eegaluuf kan ishee dandeesisu Kaampaanii Aliibaabbaa waliin waliigaltee mallatteessite.   

Waligaltee kanarratti Ministirri Muummee, Doktar Abiyyi Ahimad hundeessaa Kaampaanii Aliibaabbaa, Jaak Maanii fi qondaaltonni olaanoo argamaniiru.   

Waliigalteen kun Omisha Itiyoophiyaan omishtu karaa Aliibaabbaa gabaa Addunyaaf ‘Online’ gabeeffachuu kan dandeesisu dha jedhameera.    

Waliigaltee kana kan mallatteessan Ministira Saayinsii fi Innoveshinii Doktar Geetaahun Makuriyaa fi hojii gaggeessaa Kaampaanii Aliibaabbaa Eriik Jii dha.

Dabaltaanis wayituma kana haala dinagdee Dijitaala Itiyoophiyaa akkaataa guddisuun itti danda'aamu irrattis waliigalteen mallatteeffameera.

Wayituma kana hasa'a kan taasisan muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dokatr Abiyyi Ahmad akka jedhanitti gurgurtaan Elektirooniksii guddina biyyaa keessatti ga'een isaa guddaa ta'uu dubbataniiru.

Jaak Maan gama isaatiin Kaampaaniin isaa Itiyoophiyaatti carraa hojii dargaggoota hedduuf uumuuf Karoorfachuu isaa beeksiseera.  

Kaampaaniin Jaak Maanis kanaan duraa carraa hojii Ardii Afriikaaf miiliyoona 10 kan kennaa ture yoo ta'u, isaa kanas gara miiliyoona 100 ol guddisuu isaa Jaak Maan ibsee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015