Abbootii Qabeenyaa Oromoo Daldala Al-ergii Irratti Hojjetaniif Liqiin Akka Mijatuuf Walii Galteerra Ga’ame

205

Sadaasa 11/2012 (TOI) - Abbootii qabeenyaa Oromoo daldala Al-ergii irratti hojjetaniif liqiin birrii akka mijatuuf baankota waliin walii galteerra ga’uu Ejensiin Misooma Gabaa Oromiyaa beeksise.

Ejensiin Misooma Gabaa Oromiyaa labsii 213/2011 kan hundaa’e yoo ta’u, raawwii isaa waggaa tokko fi karoora isaa bara kanaa Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyaa Caffee Oromiyaaf dhiyeesseera.

Ejensichi rakkoo dhiyeessi gabaaf kenna tajaajila itti quufinsa maamilaa mirkaneessu fi sirna gabaa ammayaa’aa haqa qabeessa ta’e diriirsuuf hojjetaa kan jiru ibsameera.

Oomisha qulqulluu gabaa giddu galeessaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa akkaasumas daldaltootaa galmaan ga’uuf hojetaa turu aadde Gannat Abdalla Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaaf dhiyeessanii jiru.

Hojiiwwaan baroota darban gama dhiyeessii al-ergii buna, saalixa, oomisha dheedhii, jimaa, beelada fi boloqqeen jiran akkaata labsii taa’een hojjetamanis hanqinaaleen gurguddoon daldala seeraan alaa fi kontorobaandii akkasumas, hudhaalee kenna tajaajila gabaa oomisha Itoopiyaan /ECX/ jiraachuu aadde Gannat ibsaniiru.

Baroota darban abbootin qabeenyaa Oromoo sababa Oromummaa isaaniin daldala al-ergii keessaattuu daldala bunaa keessaa dhiibamanii ba’uun yeroo amma ammoo jijjiirama argameen abbootii qabeenya Oromoo bifa haaraan qindeessun liqiin yeroo dheeraa fi gabaabaa baankota waliin ta’uun mijachaa jiraachuu Daayirikteerri Ejensichaa Obbo Gammachis Malaakuu ibsanii jiru.

Dambiin haaraan daldala jimaaf qophaa’aa jiraachuu fi giddu galeessi gabaa jimaas Awadaayi Baddeessaa fi Finfinneetti qophaa’aa jiraachullee Koree Dhaabbii Caffee Oromiyaatiif heerame jira.

Rakkoo gama kenna tajaajila gabaa oomisha Itiyoopiyaan jiru akka Oromiyaatti/OCX/ akka hundaa’uuf Mootummaan naannoo Oromiyaa fi Federaalaa qindoominaan hojjetamaa jiraachuu obbo Gammaachis ibsaniiru.

Hawaasni keenya sarara bilbila bilisaa 6077 fayyadamuun odeeffaannoo gabaa wayitawaa oomishaalee qonnaa walii qooduu akka qabanis dhaamaniiru jechuun BDhKMNOn gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015