Godina Booranaatti Dargaggoota Waldaalee 15 Jalatti Gurmaa’aniif Walitti Hidhiinsi Gabaa Birrii Miiliyoona 45nii Uumame

57

Nagallee Sadaasa  10/2012 (TOI) -  Godina Booranaatti dargaggoota waldaalee 15 jalatti gurmaa’aniif walitti hidhiinsi gabaa birrii miiliyoona 45 uumamuusaa waajjirri wabii nyaataa fi carraa hojii magaalaa beeksise.

Waldaan aksiyoona qusannaa fi liqii Oromiyaa walitti hidhinsa gabaa waldichaa cimsuuf birrii miiliyoona 23 ol liqii kennuusaa ibseera.

Waajjirichatti ogeessi misooma gabaa obbo Axinaachoo Tolchaa akka jedhanitti waldaalee fi waldaaleen, jiraattotaa fi dhaabbilee mootummaa misoomawaa waliin walitti hidhiinsi taasifameera.

Baatiiwwan darban afuritti dargaggoonni waldaan gurmaa’an kuma 40 ol gama ijaarsaa, industirii, tajaajila hawaasummaa fi daldalaan walitti hidhiinsa kanaan fayyadamoo ta’aniiru.

Miseensota waldaalee hojii gamtaa walitti hidhiinsa kanaan fayyadamoo ta’an keessaa kuma 1 fi 155 dubartoota akka ta’an ibsameera.

Walitti hidhiinsa gabaa cimsuuf baatiiwwan arfan darban qofa liqii fi qusannaa Oromiyaatti waajjirri Yaa’aballoo birrii miiliyoona 3 fi 412 liqii kennuusaa ibseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Gammachuu Koreeraa akka jedhanitti liqii kana kan fudhatan  dargaggoota waldaa hojii gamtaa 212 jalatti gurmaa’an 646 akka ta’an himaniiru.

Dhaabbanni liqii fi qussannoo Oromiyaa dameen Yaa’aballoo bara kana birrii miiliyoona 80 liqii kennuuf qohii ta’uu beeksiseera.

Waldaalee kunneen maallaqa liqiin fudhatan keessaa birrii miiliyoona 6 deebisaniiru, birrii miiliyoona 4 tuqaa 5 qusataniiru.

Miseensa waldichaa kan ta’e dargaggoo Salamoon Wandimmuu akka jedhetti waa’iltoonnisaa liqii birrii kuma 80 argataniin meeshaalee biiroo oomishuudhaan fayyadamtootaaf dhiheessaa jirra jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015