Maatiiwwan Ogeeyyotaa Fi Itti Gaafatamtoota Qulqullina Barnootaaf Hin Hojjenne Ilaalchisee Wixineen qophaa’e

75

Finfinnee Sadaasa 10/2012 /TOI/ - Wixineen labsii maatiwwan ijoolleesaanii gara mana barnootaa hin ergine, ogeeyyootaa fi itti gaafatamtoota qulqullina barnootaa eegsisuun hin mirkaneessine haala itti gaafatamu danda’an qophaa'uusaa Ministeerri Barnootaa beeksise.   

Ministeerichatti, daarektarri Tajaajilaa obbo Yooseef Shifarraaw, labsiin wixinichaa sababa dhibee, dhaabbilee barnootaa jiraachuu dhabuu, ykn buqqaatiin alatti, maatiiwwan /guddistoonni ijoolleesaanii barnoota sadarkaa 1ffaa hin galchine ykn akka hin galle kan dhorkan, itti gaafatamtootaa fi ogeeyyoota qulqullina barnootaa hin eegsisne irratti seera yakkaatiin kan gaafataman tahuu himaniiru.  

Mootummaan daa’imman kamuu barnoota waliigalaa akka argatan itti gaafatamummaa duraa akka qabanis hiamniiru.

Sadarkaa biyyaatti qulqulinni barnootaa sadarkaa eegamee gaditti yoo gadi bu’e, qaamooleen sadarkaa Federaalaa hanga gadiitti jiran hoggantoonni bulchiinsaa, daarektarroonni Manneen barnootaa fi barsiisonni kan itti gaafataman tahuu himaniiru.

Daarekarri mana barnootaa barattoonni barumsaaf gahan barnoota isaanii hordofaa jiraachuu fi addaan kutuu dhabuu isaanii akkasumas daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahan galmeessanii qabachuuf dirqama akka qabu wixinicharratti ibsameera jedhan Obbo Yooseef.

Kaayyoon labsii wixinee kanaa, barattoonni jireenya fuulduuraa fi barnoota isaaniif fedhii akka qabaataniif, beekumsaan qopheessuu, miira itti gaafatamummaa hawaasaa akkasumas miira jaalala biyyaa, kabaja hojii, ilaalcha garaagarummaa jiru akka kabajan akkasumas ilaalcha dimokraasii fi namummaa akka qabaataniif kaayyeffamee kan qophaa’edhas jedhameera jechuun BDHKMNO gabaaseera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015