Itiyoophiyaa Fi Gamtaan Emireetota Arabaa Walitti Dhufeenyaa Loltummaa Cimsuuf Walii Mallatteessan

50

Finfinnee Sadaasa 10/2012 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Gamtaan Emireetota Arabaa Walitti dhufeenya Loltummaa isaanii cimsuuf walii galtee mallatteessan.   

Walii galtee kana kan mallatteessan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa obbo Lammaa Magarsaa fi Ministira Dhimmoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Gamtaa Emireetoota Arabaa Mahaamad Biin Ahimad Al Boowaardii gidduutti mallatteeffame.  

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa faayidaa biyyaattii fi biyyoota lamaanii haala eegsisuun loltummaa irratti waliin hojjechuuf murannoo qabaachuu obbo Lammaan ibsaniiru.

Mahaammad Biin Ahimad Al Boowaardiis gama isaaniitiin walii galteen Itiyoophiyaa waliin mallatteessan kun biyyattiin walitti dhufeenya hawaasa idil addunyaa waliin qabdu olaanaa ta’uu isaa kan agarsiisuu dha jechuun Tajaajili Oduu Emireetotaa ibseera.

Walii galteen Walitti hidhamiinsa raayyaa ittisaa fi loltummaa kun Dubaayitti agarsiisa Xiyaaraa 16ffaan agaarsiise maddiitti kan waliin mallattaa’ee dha jedhameera.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015