Filannoon Murtii Ummataa Saba Sidaamaaf Sagaleen Kennamuu Eegale

51

Sadaasa 10/2012(TOI) - Filannoo murtii ummataa saba Sidaamaaf sagaleen kennamuu eegale.

Filannoon murtii Ummata Sidaamaa yeroo dheeraaf eegamaa ture har'a ganama sa'aatii 12:00 irraa eegaluudhaan raawwachaa jira.

Sirni sagalee kennuu kunis haala nagaa qabuun kan adeemsifamaa jiru ta'uu dha kan himame.

Ummatnis ganama barii sa'aatti 11:00 irraa eegalee iddoo sagaleen itti kenamu kan ga'an ta'uun beekamee jira.

Ummatni sagalee kennuuf galmaa'an miiliyoona 2 tuqa 3 ta'uun isaaniis ni yaadatama.

Sirna Filannoo kana irrattis taajjabdootni 300 ol kan argaman ta'uun himamee jira.

Guyyaa har'aa kanas dhaabbileen mootummaa fi manneen barnootaa hunduu cufaa ta'u jedhameera.

Rifireendamiin ykn filannoon murtii Ummataa Sidaamaa kun har'a geeggeeffamuun, bu'aan filannoo kanaa guyyaa boruu ifa akka tahu Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa beeksisuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015