Walitti Makamuun ADWUI Federaalizimiin Dhugaa Akka Jiraatuuf Ni Gargaara – Jiraattota Magaalaa Naqamtee

68

Naqamtee Sadaasa 09/2011 /TOI/ walitti makamuun ADWUI biyyattiitti federaalizimiin dhugaa akka dagaaguuf kan fayyaduu dha jedhan jiraattonni magaalaa Naqamtee yaada isaani Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf kennaan.  

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti walitti makamuun ADWUI sabaa fi sablammoonni biyyattii qixaa biyyatti akka bulchanifiis ni gargaaraa jedhaniiru.  

Jiraataan magaalaa Naqamtee ganda 03 obbo Yaareed Baashayee akka jedhanitti walitti makamuun paartilee kanneeni tokkummaa biyyaa faayyidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Federaalizimiin kannaan dura biyya kana keessa jiru " Kan Sobaa " ture kan jedhan obbo Yaareed, walitti makamuun kun garuu federaalizimiin dhugaa biyyatti keessatti akka dhuufuuf ni fayyadaa jechun dubbataniiru.

Jiraataan ganda 04 obbo Akaalu Shifarraa gama isaaniin " walitti makamuun paartilee kanneenii biyyatti hundu qixaa sirriin akka bulchu fi itti fayyadamuuf ni gargaara " jechun ibsaniiru.  

Walitti makamuun paartilee kun ummatni wal kabajee nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf ni fayyada kan jedhan immoo obbo Baachaa Taafassaatti.

Gaaffilee ummata kana kan bara dheerraas kan deebi'u danda'u paartileen kun yeroo walitti makamaan qofa waan ta'eef, amma kuni ta'uun isaa kan isaan gammachisee ta'uus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015