Waltajjiin Naannnolee Ollaa Itiyoophiyaa Bahaa Cimsu Magaalaa Adaamaatti Eegalame

163

Sadaasa 9/2012(TOI) - Waltajjiin hariiroo naannolee ollaa Itiyoophiyaa Bahaa cimsu guyyoota lamaaf turu Magaalaa Adaamaatti hara'a eegalame. .

Waltajjii kana Manni Maree Federeeshinii kan qopheese yoo ta'u, af-yaa'iin mana marichaa aadde Keeriyaa Ibiraahimii fi af-yaa'iin Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Loomii Badhoo irratti argamaniiru.

Naannoleen maricha irratti hirmaatanis Oromiyaa, Somaalee, Affaarii fi Harariidha.

Waltajjiin kunis walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf yaadamee kan qophaa'e yoo ta’u, waltajjicharratti haasawa kan taasisan afa yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo, waltajjiin akkanaa kun qophaa'uun walitti dhufeenya ummataaf iddoo olaanaa qaba jedhaniiru.

Af-yaa'iin mana maree Federeeshinii Addee Keeriyaa Ibraahim haasawa taasisaniin ummatni Itiyoophiyaa Bahaa duudhaa waliin jireenya bara dheeraa kan qabudha jedhan.

Duudhaa boonsaa kana ammoo dhaloota dhaalchisuun dirqama keessani jedhaniiru.

Waggoottan dhiyoo asitti rakkoowwan darbanii darbanii iddoo tokko tokkotti mul'ataniin waliin jireenyi hawaasaa gaaffii keessa galeera kan jedhan Aadde Keeriyaan.

Rakkoo kana hundeerraa furuuf mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu irratti yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhan.

Af-yaa'iin mana maree Federeeshinii Addee Keeriyaa Ibraahim haasawa taasisaniin ummatni Baha Itiyoophiyaa dhuudhaa waliin jireenya bara dheeraa kan qabuudha jedhan.

Duudhaa boonsaa kana ammoo dhaloota dhaalchisuun dirqama keessani jedhaniiru. Waggoottan dhiyoo asitti rakkoowwan darbanii darbanii iddoo tokko tokkotti mul'ataniin waliin jireenyi hawaasaa gaaffii keessa galeera kan jedhan Aadde Keeriyaan rakkoo kana hundeerraa furuuf mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu irratti yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhan.

OBNtu gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015