Pirojektoonni Manneen Barnootaa Sadii Waajjira Giiftii Dureen Ijaarraman Eegalamaa jira

50

Finfinnee Sadaasa 8/2012 /TOI/ - Pirojektoonni Manneen barnootaa sadii waajjira Giiftii Dureen ijaaraman ijaarsi isaanii eegalamaa jira.   

Naannoo Saabaa fi Sablammoota Kibbaatti pirojektoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa sadii waajjira Giiftii Dureen ijaaraman ijaarsi isaanii eegalamaa jira.

Manneen barnootaa kanneenis Godina Geede'ootti Aanaa Gadab fi Godina Oomoo Kibbaatti Aanaa Hamaritti ijaarsi isaanii yeroo ammaa kana eegalameera.

Ijaarsi Mana barumsaa Godina Shakkaa Aanaa Maashaa guyyoota muraasa keessatti kan eegalu ta'uus ibsameera.

Madda:-  Waajjira Giiftii Duree  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015