Hoomaa Hawaannisaa Godina Wallaggaa Dhihaatti Muldhate Ittisuuf Yaalin Taasifamaa Jira

61

Naqamtee Sadaasa 4/2012 /TOI/ - Hoomaa  hawwaannisaa godina Wallaggaa Dhihaa aanaalee 3 keessatti muldhate ittisuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu waajjirri qoonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksisee jira.

Hogganaan waajjirichaa obbo Baayisaa Ummataa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti hoomaan  hawaannisaa kun sadaasa 2 bara 2012 irraa eegalee kan mudate ta’uu ibsanii, aanaa Beegii, Ayiraa fi Qondaalaa keessatti gandoota 25 irratti ta'uus himaniiruu.

Ummatni naannawa jranis karaa mala aadaan hommaa kana to'achuuf tattaafachaa jiraachuu himaniiru.

Hoomaan kunis aanaalee 3 keessaatti lafa heektaara 546 irratti oomisha Daagussaa fi Nugiin faca'e irra qubachuu isaa dubbataniiru.

Hoganaan kun akka jedhanitti ummatni aanaalee kanneen keessa jiran karaa mala aadaan aaraa aarsuu fi maloota biroon kan of irraa dhorkaa jiran ta'uu himanii, oomisha karaahin miineen qorichi biifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Beegii obbo Malkaamuu Mar'aa yaada isaanii yeroo kennan akka jedhanitti hoomaa  hawwaannisaa naannoo isaaniitti mudate kana ittisuuf karaa mala aadaan fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Midhaan isaanii irras miidhaan tokkoo illee osoo hin ga'iin hoomaa  hawaannisaa kana ari'uu isaanii dubbataniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015