Yuuniyeenichi Tajaajila Rakkoo Hiikan Hawaasaaf Kennaa Jira

118

Naqamtee Sadaasa  4/2012 (TOI) _ Yuuniyeeniin hojii gamtaa qonnaan bultootaa Gibee Dhedheessaa qonnaan bulaa fi hawaasa kanneen biroof tajaajiloota rakkoo hiikan addaddaa kennaa akka jiru ibsame.

Aanaalee 13 keessatti waldaalee 200 kan qabu yuuniyeeniin kun sanyii filatamaa, xaa’oo, qoricha aramaa, meeshaalee bu’uraa gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf kennuudhaan gabaas tasgabbeessaa jira.

Hoji gaggeessaan Yuuniyeenichaa obbo Dabaloo Jabeessaa TOItti akka himanitti, warshaa nyaata loonii qopheessu dhaabuudhaan jiraattota baadiyaattis ta’e magaalaatti loon horsiisaniif  dhiheessuudhaan rakkoo nyaata loonii salphisuuf deeggarsa gochaa jira.

Oomishummaa qonnaan bulaa guddisuuf sanyii Boqqolloo BH 546 qorannoon argame lafa heektaara 240 irratti baay’isuudhaan dhiheessaa akka jiru ibsaniiru.

Yuuniyeenichi Naqamtetti Warshaa daakuu Boqqolloo dhaabuuf qophiirra akka jiru hojii gaggeessaan kun himanii, kana malees maallaqa birrii miiliyoona 43 caaluun qonnaan bulaa fi jiraataa magaalaaf tajaajila addaddaa kan kennu gamoo abbaa darbii shanii Naqamteetti jalqabuusaanii himaniiru.

Ijaarsi kun wayita xumuramutti tajaajila paarkiingii, baankii, bakka gurgurtaa meeshaalee, mana qorichaa beelladaa fi kuusaa galteewwanii ni qabaata.

Itti gaafatamaan ejensii waldaa hojii gamtaa godina Wallagga Bahaa obbo Alamaayyoo Darrasaa Yuuniyeenichi keessumaa ijaarsi Naqamtetti jalqabame qonnaan bultoota naannawaaf dhiheessii meeshaalee qonnaa fi galteewwaniif hala mijataa akka uumu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Asfaawu Waaqjiraa Wallagga Bahaa aanaa Diggaa jiraataa ganda Jirmaa yoo ta’an, yuuniyeeniin kun galtee oomishaatiin alas liqii maallaqaa mijeessuu  isaaniitiin isaan fayyadaa akka jiru TOIf himaniiru.

Yuuniyeeniin hojii gamtaa qonnaan bultootaa Gibee Dhedheessaa bara 1996 yemmuu hundaa’u kaappitaala birrii kuma 185 qabu har’a birrii miiliyoona 54 ol geessisuunsaa  himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015