FIFA'n Leenjisaa Arsenaal Duraanii Aangoo Olaanaa Irratti Muude

69

Sadaasa 04/2012 /TOI/ - Leenjisaan Arsenaal duraanii Arsen Wenger gara kubbaa miilaatti deebi'uun FIFA'tti hogganaa misooma kubbaa miilaa addunyaa ta'uun muudaman.

Muudama kana dura, namni lammii Fireenchi ganna 70 Arsen Wenger, leenjisaa Bayer Muuniik ta'u jedhamee odeeffamaa ture.

Wenger Caamsaa bara 2018 ture Arsenaal kan gadi dhiisan.  

Kilabicha waggoota 22'f leenjisanii waancaa Piriimer Liigii Ingilaand 3 fi 'FA Cup' 7 injifataniiru.

" Qormaata baay'ee barbaachisaa ta'e natti kenname kana galmaan gahuuf abdiin qaba " jedhan.

Muudamni FIFA'n kenneef kun kubbaan miilaa dhiirotaa fi dubartotaa akka dagaagu gargaara, dhimmoota teeknikaa gosa ispoortii kanaarrattis ni hojjetu.

Amma booda miseensa paanalii teeknikaa, Boordii Waldaa Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa akkasumas dura taa'aa garee qorannoo teeknikaa FIFA ta'uun hojjetu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015