Ministeerri Galiiwwanii Baatii 4 Darbanitti Galii Birrii Biiliyoona 90 Ol Walitti Qabuu Beeksise - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri Galiiwwanii Baatii 4 Darbanitti Galii Birrii Biiliyoona 90 Ol Walitti Qabuu Beeksise
120
Finfinnee, Sadaasa 4/2012 (TOI) - Ministeerri Galiiwwanii baatii 4 darbanitti galii Birrii biiliyoona 90 ol walitti qabuu beeksise.
Galiin kunis kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddachuu isaa ministeerri kun beeksisee jira.
Ministeerri galiiwwanii kenna tajaajilaa fooyyessuun fayyadamtootaaf tajaajila fooyya’aa kennuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Jijjiirama mul’achaa jiru guddina diinagdee irra darbuun qajeelfamoota fooyyeessuun dabalatee akka ta’e ministeerichi ibseera.
Galiin kun kan sassaabames kaka'umsa hojjetoota isaaniin ta'uus ministeerichi ibsee jira.
Gara fuula duraattis galii sassaabuu irratti cimee kan hojjetu ta'uus beeksisee jira.