Ajjeechaa Aanga'oota Olaanoo Irratti Raawwatame Qorannoon Isaa xumurame

64

Sadaasa 3/2012 (TOI) - Gochi ajjeechaa Waxabajjii 15/2011 aanga'oota naannoo olaanoo Amaaraa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwatame irratti qorannoon gaggeeffamaa ture xumuramuu isaa Abbaan Alaangaa muummichaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee ibsan.

Ibsa kennaniin gochi raawwatame qindeessummaa Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsiggeetiin ta'uu ibsuun, gochichi fonqolcha mootummaa ta'uu ibsaniiru.

Ajjeechaa guyyaa kana raawwatameen lubbuun namoota 15 kan darbee fi namoota 20 irraa ammoo miidhaan qaamaa gaheera jedhaniiru.

Ajjeechaan qondaaltoota olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti Finfinneetti raawwatame bifuma walfakkaatuun qindeessummaa Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsiggeen ta'uu ibsuun, kaayyoon isaas raayyaan sabaan wal qoodee mootummaan federaalaa akka dadhabuufi jedhaniiru.

Raayyaan erga sabaan wal qoodee qaamni heera mootummaa tiksu hin jiru waan ta'eef karaa qaxxamuraan aangoo mootummaa federaalaa to'achuuf yaadamee ta'uu ibsaniiru.

Gocha kana raawwachuuf ji'a Ebilaa bara 2011 irraa eegalee leenjiwwan garaa garaa kennamaa turuu Abbaan Alangaa muummichaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee ibsaniiru.

Qaama heera mootummaa humnaan diiguuf socha'aa tureerratti himanni banamuuf qophiin xumurameeras jedhaniiru.

OBNtu gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015