Kaampaaniin Elektirooniksii Aliibaabaan Gurgurtaan Isaa Kan Guyyaa Doolaara Biiliyoona 24 Gahuu Beeksise

90

Sadaasa 01/2012 (TOI) - Kaampaaniin elektirooniksii guddichi kan sooressaa Chaayinaa Aliibaabaan gurgurtaan isaa kan guyyaa doolaara biiliyoona 24 gahuu beeksise.
Aliibaabaan Oomisha elektironiksiin gabaa addunyaa keessatti iddoo olaanaa qaba.
Kanamalees Alibaabaan sirna daldalaa Chaayinaa ammayyeessuun, har’a addunyaa irratti maqaa gaarii gonfatee jira.
Kaampaaniin Alibaabaa teekinoolojiiwwan daldala isaa ittiin ammayyeessee maqaa garii gonfate kan akka Taobao,Tmall fi Alibaba.com.
Ta’us waraana daldalaa Chaayinaa fi Ameerikaan walqabatee sochiin diinagdee Chaayinaa qabbana’uu irraa madde hojii daldalaa kaampaanichaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u kaampaanichi soda qabu ibseera.
Haata’u malee Aliibaabaan gurgurtaa guyyaa kana doolaara biiliyoona 30’n gahuuf karoorfteera jedha gabaasni CNN.
Abbaan qabeenyaa kaampaanii Alibaabaa Jack Ma daldala elektirooniksiin Chaayinaa keessatti harka 80 qooda yoo qabaatu, hojjettoota kuma 22 qaba.
Abbaan qabeenyaa kaampaanii Alibaabaa Jack Ma har’a kaappitaala yuhaanii biiliyoona 260 qabaachuun Chaayinaatti sooressa fiixeerra jirudha.
Daldallli elektirooniksiin raawwatu ykn e-commerce jedhamee beekamu sirna daldalaa addunyaa ammayyeessaa dhufeera.

Daldalli teekinoolojii kanaan raawwatamu fageenyii fi yeroon odoo hin daangessiin batalumatti tajaajila si’ataa argachuuf hedduu filatamaa ta’aa dhufeera.
Kanaaf sooressi Chaayinaa Alibaabaan sochii daladalaa Chaayinaa keessatti raaawwatamu haaraa karaa ammaayyaan akka raawwatamu gochuun isaa addunyaaf fakkeenya guddaa ta’aa jira.
Har’a namni Chaayinaa keessatti maallaqa callaa baatee balaa adda addaaf odoo hin saaxilamiin hojii daldalaa isaa raawwachuu danda’eera jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015