Pirojektiin Gannaalee Daawwaa Sadaffaan Humna Maddisiisuu Eegaluufi

58

Onkoloolessa 27/2012 (TOI) – Pirojektiin Gannaalee Daawwaa sadaffaan baatii lama booda human maddisiisuu eegala.

Hojii raawwachiisaa olaanaan human ibsaa Itiyoophiyaa Dr. Abrahaam Balaayi TOIf akka himanitti hojiin pirojektichaa irra caalaan xumurameera.

Hidhi kun bishaan kan guute yoo ta’u hojiin yaaluu xumuramee raawwiinsaa dhibbantaa 99 ol xumurameera.

Pirojektiin kun meegaa waatii 254 kan maddisiisu yoo ta’u, hojiin yaaliin hafe akkuma xumurameen baatii lama booda human maddisiisuu akka jalqabu Dr. Abrahaam ibsaniiru.

Ijaarsi pirojektii kanaa bara 2003 kan jalqabame yoo ta’u, sababa kafaltii beenyaatiin waggoota sadiif addaan cite ture.

Bara bajataa 2011 xumurametti rakkoo kana hiikuun pirojektichi akka si’atu taasifamuusaa hojii raawwachiisaan pirojektichaa ibsaniiru.

Pirojektichi xumuramee human maddisiisuu wayita jalqabu dhiheessii anniisaa amma jiru meegaa waatii kuma 4 fi 260 ol ta’e akka guddisu ni eegama.

Itiyoophiyaa keessa buufattoonni anniisaa maddisiisan 22 hojiirra akka jiran odeeffannoowwan ni agarsiisu.

Humni qilleessaan anniisaa maddisiisu Ayishaa lammaffaan, humni Urkaan anniisaa maddisiisu sediyyaan, humni kosiidhaan anniisaa maddisiisu Raphiin, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi fi human bishaaniitiin anniisaa kan maddisiisu Koyishaan ijaarsarratti kan argamanidha.

Ruubii jalqaba bara 2012tti humni ibsaa giigaa waatii kuma 3 fi 541 tuqaa 34 oomishamuusaa fi kun ammo kan waggaa darbee waliin yoo wal bira ilaalamu caalmaa dhibbantaa shanii akka qabaatu ragaan dhaabbatichaa ni agarsiisa.

Ruubii jalqabaa bara bajataa 2012tti biyya keessatti human guddaa kan fayyadamanii fi gurgurtaa biyya keessaarraa birriin biiliyoona 1 tuqaa 59 kan sassaabame yoo ta’u, raawwiin kanaas dhibbantaa 96 akka ta’e himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015