Mootummaan Zimbaabuwee Doktoroota 77 Hojii Irraa Ari’e

106

Onkololeessa 26/2011 (TOI) - Sababa lagannaa hojiitiin Fulbaana darbe irraa eegalee Doktoroota hojii irratti hin argamne 77 hojiirraa ari’uu isaa mootummaan Zimbaabuwee beeksise.  

Baatii darbe manni murtii biyyattii lagannichi seeraan ala waan ta’eef gara hojiitti akka deebi’an murtee dabarsus Doktoroonni kunneen murticha hin fudhanne.   

Ammallee Doktoroonni dhibbaatamaan lakkaawwaman lagannaa irra jiraachuun dubbatameera.

Qaala’iinsa dinagdee fi daballii gatiin rakkina keessa kan jirtu Ziimbaabuween, gaaffii lammiilee ishee deebisuun qormaata olaanaa itti ta’ee jira.

Doktoroonni biyyattii ji’aan mindaan isaan argatan doolaara 100 kan hin caalle ta’uu ibsameera.

Sababa kanaan hojjettoonni mootummaa hedduun mootummaan Eemarsan Minaangagwaa qaala’iinsa dinagdeef furmaata akka laatan gaafataa jiru jechuun BBCn gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015