Nageenyi Biyyattii Akka Tasgabbaa’uu Fi Ol'aantummaan Seeraa Akka Kabajamuuf Ga'een Dubartootaa Olaanaadha

66

Onkololeessa 25/2012 /TOI/ - Dubartoonni Magaaloota Jimmaa, Walisoo, Naqamtee, Adaamaa, Buraayyuu fi Magaalaa Galaan haala nageenyaa fi misoomaa naannoo fi biyyaarratti mari'atan.

Dubartoonnis rakkoo nageenyaa uumamuuf hunda caalaa kan miidhamu nuhi jechuun dubbataniiru.

Rakkoon akka taatee tibbanaa akka nutti hin deebine mana mana keeyattis ijoollee keenya haa gorfannu jechuunis himaniiru.  

Jijjiiramni biyyattii yeroo kamuu caalaa dubartoota adda durummaan hirmaachisuun saffisee deemaa jiru akka hin gufannee fi gidiraa kaleessaatti akka hin deebine nurraa gahee guddaatu eegamas jedhaniru.

Mootummaanis olaantummaa seeraa haa mirkaneessu jedhaniiru.  

Tokkummaan ummata keenyaa murteesssaa waan ta'eef gama hundaan mootummaa ce'umsaa cinaa kan dhaabbatan ta'uus hubachiisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Assaggid Geetaachoo olola wal jibbiinsaa miidiyaalee adda addaatiin afarfamuun burjaaja'uu keessaa baanee jijjirama mootummaan haaromsaa galmeessaa jiru ceesisuu qabna jedhaniiru jechun kan gabaase BDHKMNOti.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015