Obboleettiin Abuu Bakir Al-Bagdaadii Tarkiin To'atamte - ENA Afaan Oromoo
Obboleettiin Abuu Bakir Al-Bagdaadii Tarkiin To'atamte
\Finfinnee Onkololeessa 25/2012 (TOI) - Obboleettiin dursaa garee IS duranii Abuu Bakir Al-Bagdaadii Raasmiyaa Awaad kaaba Sooriyaatti qabamuu ishee aanga'oonni Tarkii beeksisan.
Dubartiin umuriin ishee ganna 65 taate maqaan ishee Raasmiyaa Awaad jedhamtu kana to'annoo jala oolchuudhaaf hordoffii taasifameen magaalaa Azaaz keessatti qabamuu ishee aanga'oonni Tarkii kun ibsaniiru.
Abuu Bakir Al-Bagdaadiin ammoo dhuma baatii darbee kana osoo humnoonni addaa US ari'anii qabuuf jedhanii Kaaba-Lixa Sooriyaatti of ajjeesuun isaa ni yaadatama.
Aanga'aan Tarkii Rooyitarsitti akka himanitti obboleettiin angafaa Abuu Bakir al-Bagdaadii kun qabamuun "keessoo IS ittiin hojjetu" ilaalchisee odeeffannoo argachuudhaaf ni gargaara jedhan.
Dubartiin kun kan qabamte kutaa Aleeppoo Tarkiin haleellaa ji'a darbeen to'atte keessatti dha.
Aadde Raasmiyaa Awaad abbaa manaashee, haadha warraa ilmashee fi ijoolleeshee shanan waliin akka jiraataa jirtus aanga'oonni Tarkii kun ibsaniiru.
Aanga'oonni kunneen Aadde Raasmiyaan waa'ee IS ilaalchisee "icciitii dhokataa" qabaachuu malti jedhan.
Pirezidaanti Tiraamp ajjeefamuu Abuu Bakir Al-Bagdaadii kan ifa godhan ibsa gaazexeessitootaaf Onkoloolessa 27 Waayit Haawusitti kennanirratti ture.
Abuu Bakir Al-Bagdaadiin bakka dhokannaarra ture kutaa Idliib keessatti osoo humnoota addaa US isa marsan jalaa miliquuf yaaluu akkuma dahoo lafa jalaa seenuun boombii ofirratti dhoosuun of ajjeese jedhan Tiraamp.
Pirezidaant Tiraamp, du'uu nama kanaa mirkaneeffachuudhaaf eenyummaan Abuu Bakir Al-Bagdaadii qorannoo DNAtiin adda bahee beekameera.
Erga sanaa as IS gaggeessaa haarawaa Abuu Ibraahim Al-Hashemii Al-Quraashii filachuu beeksiseera.