Konfaraansiin nageenyaa Qeerroo fi Qarree magaalaa Adaamaa waliin taa’ame

78

Onkolooleessa 24/2012 /TOI/ Konfaraansiin nageenyaa Qeerroo fi Qarree magaalaa Adaamaa waliin taa’ame.

Qeerroo fi Qarreen magaalaa Adaamaa haala nageenyaa tibbanaa magaalichaa fi Oromiyaatti uumame sababeeffachuun dhaadannoo " Wal hubannaan yoo hojjenne fuuldurri keenya ifa " jedhuun bulchiinsa magaalaa waliin mari'ataniiru.  

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Assaggid Geetaachoo, olola miidiyaalee adda addaatiin wal burjaajessuu keessaa baanee akkamiin akka ceenurratti hojjechuu qabna jedhaniiiru.  

Nageenyaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuf wal ta’uun hojjechuun akka barbaachisu dhaamun,namoota rakkoo tibbanaa keessatti hirmaachuun hawaasa walitti buusan to'annoo jala oolchaa jiraachuu fi tarkaanfiis kan fudhatan ta'uu ibsanniru.

Madda:-  Waajira Komunikeeshinii Magaalaa Adaamaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015