Daandiin xiyyaara Kaantaas Boeing 737 sababa qaamasaarra baqaqiinsa qabuuf akka hin balaliine dhorke

167

Onkololeessa 21/2012 (TOI) Daandiin xiyyaaraa Awustiraaliyaa Kaantaas (Qantas) xiyyaaroota Boeing 737 NG keesssaa xiyyaarri tokko sababa qaamarraa baqaqaa qaba jedhameef akka hin balaliine taasise.

Daandii xiyyaaraa hedduunis xiyyaarota 737 NG jedhaman sababa koochoon isaanii balaadhaaf saaxilamaadha jedhanii yaadaniif balaliinsa akka hin goone dhorkanii jiru.

Akka gabaasa AFP'tti addunyaarratti xiyyaarronni  dhibbeentaa 50 ta'an sababuma kanaan balaliinsarraa dhorkamaniiru.

Akka Kaantaas jedhetti, " baqaqiinsi jedhame sun jiraatus hatattamaan xiyyaarricha balaarraa hin oolchu. Nuti xiyyaarrichi guutummatti balaliidhaaf qophii yoo hin taane akka balali'u hin goonu."

Dhaabbatni Boeing gama isaatiin baqaqiinsi kutaa xiyyaara koochoo wal qabsiisurratti kan baqaqiinsi mudate jedheera.

Kaantaas xiyyaarota 737 NG keessa xiyyaarri tokkollee si'a 30,000 caalaa kan balali'e akka hin jirre dubbateera.

Dabalataanis, xiyyaarri baqaqiinsa qabu imala 27,000 gad akka godhe himeera.

Onkololeessa darbe Indooneezhiyaa fi Bitootessaa keessa immoo Itiyoophiyaatti balaan kan mudate yoo ta'u walumaa galattis namoonni 346 du'aniiru.  

Boeing erga balaan gurguddaan lama isa mudatee booda ture kan moodeelii haaraasa 737 Max balaliinsa dhorkee kan taateen kun ta'e.  

Gaafa Roobii hoj- gaggeessaan Boeing Deeniis Muuleenbarg ogeeyyii seeraa Ameerikaatti balaliinsa xiyyaara 737 Max waliin wal qabatee rakkoo akka uuman dubbataniiru.

Moodeeliin 737 NG moodeelii 737 Max   dura kan hojjetame ture.  

Waldaan aviyeeshinii Awustiraaliyaa dhaabbanni Kaantaas xiyyaarroota modeela 737 NG hunda balalii akka dhorku gaafateera.

Xiyyaarri Yunaayitid Isteet Saawuziwest jedhamullee rakkoo walfakkaataa xiyyaara isaa modeela 737 NG irratti argeera jechuun kan gabaase BBC dha.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015