Yuunvarsiitiin Jimmaa Hayyoota afuriif Piroofeesarummaa guutuu kenne

94

Finfinnee Onkololeessa 21/2012 (TOI) Yuunvarsiitiin Jimmaa Hayyoota afuriif Piroofeesarummaa guutuu kenne.

Boordiin Yuunvarsiitii Jimmaa walga'ii kaleessa taa'een Hayyoota 4f sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera.  

Hayyoonni sadarkaa Piroofeesarummaa guutuu argatan kunneenis Dr Gammadaa Abbabaa, Dooktar Sulxaan Suleemaanii, Dooktar.Gazzaahany Bareechaa, fi Dooktar Zallaqaa Makoonnani. 

Dooktar.Gammadaa Abbabaa piroofeesara guutuu molokiyuulaar meedikaal maayikiroobaayooloojii, Dooktar Gazzaahany Bareechaa Pirofeesara guutuu Appilaayid Ikooloojii, Dooktar Sulxaan Suleemaan Piroofeesara guutuu Faarmaasitikaal Analiisiisii fi Dhimmoota Reegulaatorii, akkasumas Dooktar Zallaqaa Mokonnoon Piroofeesara guutuu Meedikaal Faarmaasitooloojii ta'aniiru.  

Madda: Yuunvarsiitii Jimmaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015