Walitti bu'iinsa mudateen namootni shakkaman 409 too'ataman

88

Finfinnee Onkololeessa 20/2012 (TOI) Walitti bu'iinsa naannoo Oromiyaatti tibana mudate namoonni harka keessaa qaban jedhamanii shakkaman 409 to'atamun isaani Itti gaafatamaan Prees Sakreetarii waajjirra muummee ministraa obbo Nugusuu Xilaahuun ibsan.

Walitti bu'iinsa mudateen lubuun namoota 78 darbu isaas himani jiru.

Itti gaafatamaan Prees Sakreetariiyatii waajjirichaa obbo Nugusuu Xilaahuun har'a waaree booda ibsa miidiyaaleef laataniiru.

Wayituma kana akka jedhanitti walitti bu'iinsa naannoo Oromiyaatti tibbana muudateen lakkoofsi namoota shakkamanii to'ataman 409 qaqqabeera jedhaniiru.

Rakkinicha tasgabbeessuuf jaarsoliin biyyaa, abbootiin gadaa, abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi qaamoleen hawaasaa biroon tumsa taasisaniif galateeffataniiru.

Miidhaa qaqqabuu malus hir'isuuf caasaan nageenyaa humna guutudhaan hojjeteera jedhan obbo Nugusuun.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015