Dhabbanni qorannoo qonnaa sanyii filatamaa qonnaan bultoota fayyadamaa taasisan hojjetaa jira

293

TOI,  Onkololeessa  17/2012  Dhaabbanni Qorannoo Qonna Oromiyaa fi Qorannoo Qonna Baakkoo Aanaalee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Shan keessatti sanyii filtamaa qonnaan bultoota fayyadamaa taasisan hojjetaa akka jiru beekisie.

Sanyiin filtamaa kunneenis aanaa Abaaboo Guduruu, Guduruu, Horroo, Jimmaa Raaree fi Jimmaa Gannatii keessatti yoo ta'u, qonnaan bultoonni lafa keektaara 900 irratti Kilaastariin gosa midhaanii Xaafii, Qamadii fi Boqqolloo misoomsaa jiru.

Qonnaan bultoonni kilaasteraan sanyii midhaan fooyya'aa misoomsaa jiran kunneen calla duraan argatanirra harka 10 caala jedhameera.

Qonnaan bultooonni OBN dubbise akka himanittis, barana miidhaan waan toleef kan duraaniirra callaa gaarii abdanna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015