Dorgommiin Tapha dubartootaa fi Ispoortii aadaa waggaa waggaan adeemsifamu jalqabame

69

Hoosaa’inaa Amajjii 10/2011 Godina Hadiyyaatti taphni marsaa sadaffaa dubartootaa fi dorgommiin Ispoortii aadaa 17ffaa waggaa waggaan adeemsifamu magaalaa Hoosaa’inaatti jalqabameera.

Dorgommicha kan eegalchiisan itti gaafatamaa qajeelcha aadaa, tuuriizimii fi Ispoortii obbo Sisaayi Iwunatuu akka ibsanitti, kaayyoon dorgommichaa dame kanaan hirmaannaa dubartootaa cimsuu fi duudhaalee aadaa tursiisuufi.

Kaayyoon dorgommiiwwan kanaa  kan biraan Ispoortessitoota godinicha bakka bu’uudhaan sadarkaa naannootti dorgoman fo’achuu akka ta’e dubbataniiru.

Tapha dubartiitaatiin gosoonni ispoortii kubbaan miilaa, kubbaan harkaa, atileetiksii fi teenisi minjaalaa akka adeemsifaman kan dubbatan ammo qajeelchichatti itti gaafatamaa dame Ispoortii obbo Abaatee Tasfaa ti.

Dorgommii Amajjii  9 amma  Amajjii 16 /2011 tti turuun dorgomtoonni aanaa 10 fi bulchiinsa magaalaa lama irraa walitti ba’an akka hirmaatan beekameera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015