Raashiyaan Liqaa Doolaara miiliyoona 163 fi tuqa 5 Itiyoophiyaa irraa haqxe

51

Finfinnee (TOI)  Onkololeessa 14/2012 Raashiyaan liqaa Doolaara miiliyoona 163 tuqa 5 Itiyoophiyaarraa haqxeetti jedhan waajjirra muummee ministeeraatti  Itti gaagatamaan Pireess Sekreetaariyaatii obbo Nugussuu Xilaahun.  

Preezdaantiin Raashiyaa Vlaadmiir Puutiin kaleessa fooramii diinagdee Raashiyaa Afrikaa Soochiitti gaggeeffamerratti liqicha haquu isaanii ibsaniiru.  

Liqiin haqame kunis hojjilee misoomaatiif  akka ooluf walii galamee jiras jedhan..  

Biyyootni lamaan gama Barnootaan, Qoonnaani fi Albudaan wal gargaaranii waliin hojjechuuf waliigaltee irra gahamuu isaas  obbo Nugussuun ibsanii jiru.

Hariiroo daldalaa fi diinagdee Raashiyaa fi Afrikaa dachaadhan dabaluuf yaadamuu isaas eeranii jiru.   

Fooramiin diinagdee Raashiyaa Afrikaa magaalaa Soochiitti gaggeeffame kaleessa galgala xumuramee jira.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015