Gibtsi dhimma Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa waliin garaa garummaa qabdu mariin furuuf walii galte

55

Finfinnee (TOI), Onkololeessa 13/2012 Gibtsi Dhimma Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa waliin garaa garummaa qabdu mariin furuuf walii galte.    

Dureewwan biyyoota lamaanii Raashiyaa magaalaa Soochiitti fooramii diinagdee Raashiyaa Afrikaa maddiitti dha wal arganii kan mari'atan.   

Gibtsi fi Itiyoophiyaan Dhimma Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa walqabtee garaa garummaa jiru mariin furuuf walii galuu isaanii Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad beeksisan.  

Dhimma ijaarsaa fi guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Itiyoophiyaa fi Gibts irratti mari'ataniiru.     

Gibts ejjennoo Itiyoophiyaa fi Suudaniin ala ejjennoo mataa ofii qabachuun ishee ni yaadatama.   

Ijaarsi Hidha Haaromsaa faayidaa biyyoota ollaa kamuu osoo hin miidhin, faayidaa hundaaf akka oolutti hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaan ibsaa jiraachun ni beekama.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015