Godinichatti namootni “HIV”n dhiiga isaanii keessatti argamu qoricha akka eegalan godhame

388

Ambo Amajji 10/2011 Godina Shawaa lixaatti qorannoo “HIV” fedharratti hundaa’e gochuun lammiileen vaayirisichi dhiiga isaanii keessatti argame hundi qoricha farra HIV/AIDS fudhachuu akka eegalan godhamuu isaa waajjirri fayyaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti qindeessaan tajaaljila hawaasummaa HIV/AIDS Filiee Namee akka ibsanitti, ji’oota ja’an darban keessatti namoonni kuma 49 fi 392 fedhiin qorannoo dhiigaa godhaniiru.

Namoota qorataman keessaa 344 vaayirasichi dhiiga isaanii keessatti kan argame yoo ta’u, battalumatti qoricha farra HIV/AIDS akka fudhatan godhameera.

Hojii dursanii ittisuu irratti namoota kuma 152, 600f yeroo walfakkaataa keessatti hubannoo akka argatan taasifameera.

Akka qindeessichi jedhanitti tajaajilli qorannoo dhiigaa kun kan kenname godinicha keessatti kan argaman Hospitaala 7 fi buufata fayyaa 22 tti dha.

Dura taa’aan waldaa ``Biiftuu`` HIV/AIDS obbo Geetuu Abarraa gama isaaniin waldichi miseensota isaa 200 ol ta’an bobbaasuun hojii hubannoo kennuu hojjetaniiru jedhan.

Miseensonni waldichaa qoricha farra HIV/AIDS fudhachuu eegalan qoricha isaanii haalaan akka fudhataniif waldichi manarra deemuun hordoffii fi to’annoo gochaa akka jiru eeraniiru.

Qorannoo dhiigaa gochuun dura dhibee sombaan dhukkubsatanii sireerra ooluu isaanii kan ibsan immoo jiraattuu magaalaa Amboo aadde Mintuwwaab Fayyisaa dha.

``Qorannoo godhee vaayirasichi dhiiga koo keessa jiraachuu akkan bareen battalumatti qoricha farra HIV/AIDS eegaluu kootiin fayyaan koo deebi’ee yeroo ammaa kana hojjedhee maatii koo bulchaan jira jedhaniiru.

Qorannoo kanaan dhiiga isaanii keessa akka jiru beekuun isaanii jireenya fuulduraa sirreeffachuuf akka isaan gargaare kan dubbatan immoo jiraataa magaalaa Amboo obbo Faqaaduu Bultoo dha.

Gargaarsa gorsa ogeessa fayyaatiin fayyaa isaanii eeggatanii dhukkuboota dabalataa biroorraa bilisa akka ta’au nagargaareera jedhan.

``Yeroo ammaa kana Hospitaala Ambootti dhukkubsattoota HIV/ AIDS kunuunsaa fi gorsa kennaan jira jedhan.

Waajjira eegumsa fayyaa godina Shawaa lixaatti bara bajataa kanatti namoota kuma 126 dhibba 136 ta’aniif tajaajila qorannoo fi gorsaa fedhii irratti hundaa’e kennuuf karooramee hojjetamaa jira.

Namoota qoratamanii vaayirasichi keessatti argame keessaa dhibbantaa 90 kan ta’an battalumatti qoricha fudhachuu qabu kan jedhu ulaagaalee sagaltamman sadii keessaa tokko dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015