Ijaarsa Hidha Haaromsaa wanti duubatti deebisu hin jiru – Muummee ministraa dooktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa Hidha Haaromsaa wanti duubatti deebisu hin jiru – Muummee ministraa dooktar Abiyyi Ahimad
Finfinnee /TOI/ Onkoloolesa 11/2012 Hidhi haaromsaa guddichi faayidaa fi kabaja uummatoota Itiyoophiyaa akka eegsisuu fi faayidaa biyyoota yaa’a gadii jiran kan hin mine ta’ee pirojektii hojjetamaa jiru ta'uu muummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad dubbatan.
Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti argamuudhan gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka'aniif yaadaa fi deebii laataniiru.
Ummanni Itiyoophiyaa Hidha Haaromsaarratti hojii hojjetuun, kaayyoo ummata Suudanis ta'ee ummata Gibtsi miidhuu hin qabus jedhaniiru.
Hojiin Hidha haaromsaa irratti hojjetamaa jiru biyyoota yaa'a gadaanu keessa jiran kan hin miine ta'uus himaniiru.
Ijaarsa hidhichaa yeroodhan xumuruun barbaachisaa ta’uu kan dubbatan muummichi ministiraa, Gibts hanqinni bishaanii akka hin muudanne ijaarsicharratti kallattii tokkotti dhuftee, misooma magariisaa Itiyoophiyaa gargaaruu qabdis jedhaniiru muummee ministiraa.
Itiyoophiyaan misooma akka hin gaggeessinee fi hidha akka hin ijaarre kan ishee dhoorku qaamni tokkollee hin jiru jechunis ibsaniiru.
Hojiin hidha haaromsaa sadarkaan inni irra jiru miseensonni mana maree qaamaan dhaqanii ilaaluu qabus jechuun ergaa isaanii dabrsanii jiru.