Namoota waraana fi walitti bu'iinsa leellisaniin ummanni isin ga'a jechuunii qaba

111

Finfinnee (TOI)  Onkolooleessa 11/2012 Namoota waraana fi walitti bu'iinsa leellisaniin ummanni isin ga'a jechuunii qaba jedhan mummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad.   

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti argamuudhan gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka'aniif yaadaa fi deebii laachaa jiru.  

Deebii isaaniitiinis waraanan rakkoon hiikamu hin jiru, hoggansi waraanan rakkoon ni hiikama jedhee yaadu du'ee ummatatti agarsiisuu qabas jedhaniiru.  

Ummatni Addunyaa waraana addunyaa 1ffaa irraa kan baratu osoo ta'ee, waraanni addunyaa 2ffaan hin mudatu tures jedhaniiru.   

Kan darbee irraa kan baratu seenaa hamaa duraa sanatti hin deebi'us jedhun ibsaniiru.

Ammas namoonni waraanaa fi walitti bu'iinsa leellisanii fi Kilaashiin furmaata fiduu yaadan, ummanni isin ga'a jechuunii qabu jedhaniiru Dooktar Abiy Ahimad.     

Hiyyummaa osoo hin injifatin, manneen barnootaa osoo waliin hi ga'in Kilaashii leellisuun furmaata hin ta'u, namnis miira keessaa ni ba'a jenneet yaadna jechuunis ibisan.

Mootummaan federaalaas kallattii furmaataa ni kaa'a jechun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015