Wiirtuun Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee Gabramadihin Yunivarsiitii Ambootti eebbifame

96

Finfinnee,(TOI), Onkololeessa 10/2012 Qo'annoo fi Qorannoon Aadaa Looreet Tsaggaayee Gabra Madihin Yunivarsiitii Ambootti eebbifame.  

Yunvarsiitichi maqaa hayyuu aartii Tsaggaayee Gabremadihin Qawweessaatiin wiirtuu qorannoo fi qo'annoo aadaa bara 2011tti hundeessee ture. 

Wiirtuun kunis qorannoowwan aadaa sabootaa fi sablammoota biyyattii walitti qabuudhaan barsiisuu kan kaayyeffatee dha.  

Gamoo wiirtuu kana keessatti manni kitaabaa fi galmi walgahii maqaa Looreetichaan moggaafaman ni argamu.  

Pirezedaantiin Yunivarsiitii Amboo Dooktar Taaddasaa Qana'aa wiirtuu kana bara 2011 hundeessuuf kan murteessine kaayyoo lamaafi jedhaniiru.   

" Kaayyoon jalqabaa dhaloonni haaraan hangafoota isaanii beekanii akka kabajaniifi,inni biraan namoota akkanaa kabaja kennineefii dhaloota akka Looreet Tsaggaayee hedduu horachuufi," jedhan.  

Barattoonni gara yunvarsiitichaa dhufan kutaa biyyattii adda addaarraa kan dhufan waan ta'eef wiirtuun kuni carraa ittiin aadaa walii isaanii itti wal beeksisan akka uumus himan.

Sagantaa kanarratti kan argaman Ministir deetaan ministeera saayinsii fi barnoota olaanoo Dooktar Saamu'eel Kiflee, biyyi kuni hayyuu ofii kabajuurratti godaansarra jirti jedhan.  

" Biyya Looreet Tsaggaayee caalaa Pushkiiniif daandii moggaasuu filatte keessa jirra," jechuun ibsan.  

Walaloo Looreetichaa ' ummanni walkabajee jiraatu na inaafsisa... ' jechuu eeruunis, Itoophiyaan waggoota dheeraaf waan qabdu wallaaltee, hayyoota keenya kabaja dhoowwannee jiraachaa turre jedhan.

Tsaggaayeen ergaan inni aartiidhaan waa'ee waliin jiraachuu fi nagaa irratti barreesse yoomuu kan hin dagatamne ta'uus eeran.

Wiirtuuwwan akkanaa hundeessuunis tokkummaa biyyaa itti fufsiisuu fi hayyootaaf kabaja malu kennuu waan ta'eef, muuxannoo gaarii ta'as jedhan.

Sirna baniinsaa kanarrattis maatiin Looreet Tsaggaayee fi ogeeyyiin aartii beekamoon hirmaataniiru..   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015