Gaaffii ummata keenyaa hawaasa hirmaachisuun ni deebifna - Obbo Shimallis Abdiisaa

111

Finfinnee,/TOI/,Onkolooleessa 10/2012 Gaaffii ummata kenyaa hawaasa hirmaachisuun ni deebifna jedhan Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa Beddeelleetti hawaasa waliin marii  taasisaniiru.  

Marii kana irrattis Gaaffiiwwan bu'uuraalee misoomaa fi dinagdee uummata keenyaa deebisuuf mootummaan hawaasa bal'aa hirmaachisuun dhawaata dhawaataan kan deebisnuu ta'a jedhaniiru.  

Oromiyaan Lixaa qabeenya uumamaan badhaate qixa barbaadamuun itti fayyadamuun jijjiirama guddina diinagdee biyyaa keessatti gahee irraa eegamu akka bahatuuf mootummaan pirojektiiwwan gurguddaa qopheessuun hojiitti hiikaa jiras jechun dubbataniiru.   

Oomisha bunaa, fuduraa, midhaan dibataa, beeladaa fi misooma dammaa hammayyeessuun liqii mijeessuu fi maashinoota ni dhiheessinas akka dhiheessanis ibsaniiru.    

Qonnaan bulaan gurmaa'uun fayyadamaa ta'uuf hojjechuun akka  irraa eegamu maricha irratti kaasanii jiru.  

Oomishni oomishamus qulqullinaafi adeemsa keessa darbuu qabu eeguun gabaa giddu galeessaa fi gabaa biyya alaatti qonnaan bulaan akka dhiheeffachuu danda'uuf gama mootummaatiin hojjetamaa akka jirus ibsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015