Gabaan uffata aadaa qorraadha

133

Amajjii10/2011 Uffattoonni aadaa diizaayinii mijataa ta’ee fi bifa addaddaatiin hojjetamanii gabaaf dhihaatanillee, gatiinsaanii dabalaa waan jiruuf bitachuu hin dandeenye jechuun namoonni uffata aadaa bitatan dubbatan.

Gama biraatiin gatiinsaanii dabalus uffatnni aadaa biyya keenyaa akka hin banneef jecha gatii kaffaluu qabna jedhu  Shiroo Meedaatti uffata aadaa bitachaa kan jiran wayita dubbifnetti.

Riippoortarri tajaajila oduu Itoophiyaa Naannoo Shiroo Meedaa Gabaa uffata aadaa dhaquudhaan akka hubattetti, gabaan uffata aadaa yeroo kamiyyuu caalaa haala hin baramneen qorreera.

Uffata aadaa bitan osoo jiranii kan dubbifne adde Eelsaa Balaayi akka ibsanitti, uuffattoonni aadaa yeroo ayyaanaaf qofa osoo hin ta’iin, sagantaalee addaddaaf mijaa’aa ta’anii dhihaachaa jiru.

“Gatiin  uffanni aadaa biyyaa dabalullee, kan eenyummaa keenya ibsu, biyya keenya kan ittiin beeksifnu, bu’aa shammaanota biyya keenyaa fi faaya hojii harkaa isaanii waan ta’eef aadaa isaa eegee dhalootaaf akka dabu gochuu qabna” jedhaniiru.

Uffattoonni bu’aa aadaa ta’an maashiniidhaan hojjetamanii biyya keessa gala kan jiran hanna sammuu akka ta’e kan dubbatan adde Eelsaa, rakkoon bifa kanaan mul’atu furmaanni kennamuufii qaba jedhaniiru.

Uffattoonni aadaa biyyaa filannoo addaddaatiin gabaarra jiraatanis, “gatiin isaanii humnaa oli” kan jedha uffata aadaa osoo bitanii kan dubbifne obbo Addisuu Araggaa, gatiisaa dabaluudhaan fayyadamaa kan jiru Shammaanee osoo hin ta’iin daldalaadha amantaa jedhu qabu.

Obbo Addisuun akka dubbatanitti, uffattoota aadaa qulqullina fooyya’aa qabanii fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta’an oomishuun asoo danda’amuu, hojiin beeksisuuf hojjennu gadaanaa waan ta’eef oomishoonni wal fakkeeffamanii biyya alaarraa galan gabaa dhuunfachaa jiru.

Meeshaalee dheedhii biyya keessaatiin kan oomishamu uffanni aadaa humnasaaniitii ol waan ta’eef haala qilleensaa keessa jiraatan waliin deemuu baatus, oomisha wal fakkaatee biyya alaarraa galu fayyadamuuf dirqamuusaanii kan dubbatan ammo adde Almaaz Bazzaabbi dha.

Shiroo Meedaatti daldaltuu uffattoota aadaa adde maannaallee Biradaanyi yaada kennaniin, gabaan uffata aadaa kun waggoota darban irra haala adda ta’een qorruu isaa dubbatanii, kanaaf sababa kan jedhan ammo wal fakkaatanii biyya alaarraa kan galan gatiinsaanii xiqqaa waan ta’ee fi dabaluun mi’a dheedhii gabaarratti dhiibbaa geessiseera.

Ministeera aadaa fi tuuriizimiitti daayirektarri wal ta’insa misooma aadaa fi Industirii obbo Yisma’a Tsiggee akka jdhanitti, iddoowwan gurgurtaa hundatti rakkooleen wal fakkaatan mul’achuu ibsanii, dhaabbatichi kana ittisuuf mirgas, hojmaatas akka hin qabne dubbataniiru.

Rakkoo kana hiikuuf oomishoonni biyya keessaa dorgomaa fi filatamaa akka ta’an hojjechuutu barbaachisa.

Obbo Yisma’aan akka jedhanitti, rakkooleen jiran  uffattoonni aadaa gama oomishtootaa fi dhiheessitootaatiin fayyadamtoonni yeroo barbaadanitti dhiheessuu dhabuu, qulqullina dhabuu oomishaa,  baay’inaan oomishuu dhabuu fi oomishuuf yeroo dheeraa fudhachuurra kan ka’e gatiin dabaluusaatiin akka oomishoota alaa galanii akka barbaadamee fi ammi barbaadamu hi argamu.

Rakkoolee kana hiikuuf ministeera barnootaa waliin ta’uun leenjii teekniikaa fi ogummaatiin deeggaramuudhaan dorgomaa akka ta’an deeggaruuf hojiin akka jalqabame obbo Yisma’aan ibsaniiru.

“Rakkoon kun uffata aadaa biyya keenyaa qofarra kan ga’e miti” kan jedhan daayiraktarri kun. Tuuristoonni oomisha biyyoota biroo suuraa kaasuudhaan wal fakkeessanii oomishuudhaan gabaa waan baasaniif biyyoonni Afriikaa fi Isiyaa hedduun rakkachaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015