Yuunivarsiitichi haalli baruu fi barsiisuu mijataa akka taa'u deeggarsa gaafate

69

 Mattuu /TOI/,  Onkololeessa 4/2012 Yunivarsiitii mattuutti haalli baruu fi barsiisuu mijataa akka ta'uuf  uummanni naannichaa deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu Pireezidaantiin Yunivarsiitichaa  gaafatan.   

Yuunivarsiitichi mata duree  " Haala baruu fi barsiisu mijataan akka jiraatuuf ga'een ummataa maali? " jedhun kalleessa ummata waliin marii gaggeesseera.  

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Mattuu Dooktar Indagannaa Abbaabaa wayita kana akka jedhanitti iddoo barnootaa mijataa qopheessuunii  fi tajaajila uummataa gaarii ta'e kennuun kan danda'aamu deeggarsi uummata yoo keessa jiraate qofa dha.  

Waggoota darban sadan keessatti haala barbaadamuun barumsi kenamaa hin turre kan jedhan pireezidaantiichi, kunis wal dhabde darbee darbee mul’atuun akka tures himaniiru.  

Bara kana garuu haalli kun akka hin ummamneef uummata naannoo fi barattoota waliin walii galtee irra ga'aamuu isaas eeraniiru.  

Yuunivarsiitichatti itti aanaan pireezidaantii fi itti gaafatamaan dhimma barattootaa Dooktar Takkaalinyi Qajeelaa barreeffama dhiyeessaniin akka jedhanitti baroota darban biyyattiitti haalli siyaasaa mijataan dhabamuun isaa  dhimma baruu fi barsiisuu irratti dhiibbaa uumuun isaa ni yaadatamaa jedhaniiru.     

Yeroo ammaa kana garuu biyyattiitti haalli nageenyaa gaariin waan jiruuf haalli baruu fi barsiisuutis cimee itti fufa jedhaniiru.

Marii kana irratti beektoonni Yuunivarsiitichaa, akkasumas jiraattonni godina Bunnoo Baddallee fi kanneen biroos hirmaatanii jiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015