Ministeerri Galiiwwanii Kurmaana Jalqabaa Bara Bajataa Kanatti Karooraa Ol Galii Sassaabuu Isaa Beeksiseera

52

Finfinnee Onkoloolessa 3/2012 (TOI) - Ministeerri Galiiwwanii kurmaana jalqabaa bara bajataa 2012tti galii Birrii biiliyoona 57.3 sassaabuusaa beeksise.   

Ministeerichi galii Birrii biiliyoona 57.3 sassaabus, karoorrisaa Birrii biiliyoona 56 walitti qabuu ture.

Kunis raawwiin isaa karooraa ol %102 ta'uu agarsiisa.   

Kan bara darbee yeroo walfakkaataarraa daballii Birrii biiliyoona 12.9 yookin %29 ta'uu mul'isa.

Kunis ji'aan yeroo ilaalamu ji'a Adoolessaa biiliyoona 18,  ji'a Hagayyaa biiliyoona 20.2 fi ji'a Fulbaanaa biiliyoona 19.1 dha jedhameera.  

Galii kana keessaa %54 galii biyya keessaarraa, %46 ammoo galii gumuruukaarraa kan argamedhan.

Kurmaaichatti dhaabbileen nagahee sobaatiin daldala raawwatan 16 to'annaa jala oolfamaniiru.

Nagahee sirnaan kan hin laanne shakkamtoonni 50 to'atamanii, Birrii miiliyoona 2.6 akka adabaman ta'eera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015