Guyyaan Alaabaa 12ffaan Wiixata Dhufu Ni Kabajama

138

Finfinnee Fulbaana 29/2012 (TOI) Guyyaan alaabaa 12ffaan Onkoloolessa 3 bara 2012 akka kabajamu ibisame.    

Guyyichi heera mootummaa FDRI labsii fooyya'e lakkoofsa 863/2006 keeyyata 2 bu'uura godhachuun waggaa waggaadhaan baatii Onkoloolessaa torbee jalqabaa Wiixata akka kabajamu tumameera.  

Guyyichi mata duree "Alaabaan keenya bu'aa ida'amuu sabdaneessummaa fi bu'uura tokkummaa keenyati." jedhuun kan kabajamu ta'uu Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa beeksiseera.

Alaabaarratti ilaalcha jiru karaa dimokraatawa ta'een keessummeessuun barbaachisaa ta'uu manni marichaa eereera.

Amma murtee biroorra ga'amutti alaabaa heeran ragga'erratti ejjennoo qabachuun ni barbaachisas jedheera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015